SEENAA WALDAA ITOPHIYAA (ETHIOPIAN CHURCH HISTORY)
SEENAA WALDAA ITOPHIYAA
Ramaddii Yeroo Waldaa Addunyaa
1. 6 BC – 30 AD: Bara Kiristoosii jedhamee beekama.
2. 30 AD – 100 AD: Bara ergamootaa ( Duuka buutotaa) jedhamee beekkama.
Pheexiroos 67 AD du’e
Phaawuloos 68 du’e
Yaa’iqoob morma isaatu irraa murame
Namicha xu’aashii Itoophiyaa ministeera maallaqaa ta’uu danda
Maatewoos carraa Itoophiyaa dhufuu argatee ture.
3. 100 AD – 590 AD: Bara abbootii ( period of patriarch)
i) 100 – 150 Bara ergamootaa (apostlic period)
Pheexiroos bakka kan bu’e Kiliimant jedhama.
Kan Yohaannisii Polkaar jedhama.
Keesumattuu hanga bara 300 AD tii dararamuu gara garaattu ture.
ii) 150 – 400 Bara theology ( the period of school or theological era)
312 tti namni kamiiyyuu waan iti amane tokkotti jiraachuu akka qabu labsiin dabarfame.
Yeroo kanatti manneen tiyooloojii ijaaraman
School of Alexandria in Greece
School of minor Asia
School of north Africa
Barumsi sobaalle yeroo kana jalqabe. iii) 400 - 590 Bara jaarsolii waldaa ( the period of church counsels)
Kanaaf sababa kan ture babal’achuu barsiisa sobaati.
4. 590 AD – 1500 AD: Bara giddu galeessaa( middle age)
The darkest age in Christian history. 1053 tti waldaan ortodooksii warra bahaatiin kaatolikiin warra dhihaatiin jalqabame.
Kaatolik jedhuun waldaa tokkittii addumyaa jechuu dha.
5. 1500 AD – 1650 AD: Bara Haara’umsaa ( reformation period)
Maartiin Luuter bara 1517 tti barnoota sobaa kan waldaa kaatolikii keessa jiruun mormuudhaan dogoggoroota 95 baasee isaaniif maxxanse. Innis nama biyya jarmanii ture.
6. 1650 AD – 1800AD: Bara haara’umsa boodaa (post reformation era)
Macaafni Qulqulluun yeroo kana maxxanfame.
Maashinii biyya Jarmaniitti hojjatemetu sababa guddaa ta’eef.
7. 1800 AD – 20 Century: Bara ammayyummaa ( modern period)
8. 20 Century – Now: Bara ammayyummaa boodaa ( post modernism era)
Kiristiyaanummaan Gara Itoophiyaatti Akkamiin Seene
Kiristiyaanummaan akkamitti gara itoophiyaatti akka seene ragaaleen tokko tokko jiru.
A. Karaa namicha xu’aashicha Itoophiyaatiin
lallaba Filiphoos amanuudhaan. HoE 8:26-29
Yeroon kun gara naannoo 32 AD tti ture., Iyyesuus 30 AD tii du’e.
Namoonni tokko tokko hin fudhatan. Sababni isaaniis:
Idoon Kandaakee jidhamtu sun suudan keesa jedhu.
Nama angoo qabu ta’ee wanti inni hojjate akkamitti dhabame jedhu.
Nuuti garuun Hafuuraan ni amanna. Innis Hafuura kanaan guutamee waan turee fi akkasumas namni angoo qabu bakka tokko qofa waan hin teenneef.
B. Ergamaan Maatewoosiin
Bartoonni Gooftaa ergama itti kenname bahuudhaaf carraa buufatanii tura.
Yeroo kana carraa maatiyoos biyya Itoophiyaarra bu’e.
Innis dhugaa ba’aa turee asumattis du’e. Garuu isa kana warri Oortodooksii hin fudhatan. Seenaa dhufaatii wangeelaa gara Itoophiyaa keessatti dhiigni hin dhangalaane waan jedhaniif.
C. Jaarraa 4ffaa keessa
Beektota baay’ee biratti fudhatama kan qabu wangeelli Itoophiyaatti yeroo kana babal’ate kan jedhuu dha. Kanaafis ragaan tokko tokko ni jira.
Namni Ruufenees jedhamu bara 420 AD irratti macaafa isaa kan seenaa waldaa jedhurratti akka barreessetti:
Firminaaxoos kan jedhamu phaaphaasii jalqabaa ta’ee Itoophiyaa tajaajilaa ture. Inis wangeela himuudhaaf otoo hin taane daldalaaf dhufe ture. Innis lammii biyya Giriikiiti.
Biyya Gibxiitti muudamee maqaan Abba Salaam (abbaa nagaa) Kasata Biraan (ifa baasu) jedhu kennameefii ture. Sababuma kanarraa ka’uudhaan hanga bara 1950 tti phaaphaasonni Itoophiyaa biyya Gibxiitti muudamu turan. Sababni isaas laga Gibxiitiin walqabata. Innis mootummaa wajjiin hidhata waan qabuuf baroota kana booda jiranirratti wangeela bal’isuuf gahee olaana qaba ture.
D. Babal’ina kiristiyaanummaa tajaajila qulqulloota saglaniitiin
Hanga jaarraa 4ffaatti kiristiyaanummaa naannoo Aksumii qofatti daangeffamee ture. Dhufaatii isaaniitiin wal qabatee wangeelli Aksumiin alattis babal’achuu danda’eera. Isaanis walga’ii Keelqedoon booda ergamii biyya Sooriyaa fi Gibxii laaluu deeman. Achumaanis gara Aksuumitti dhufanii haala kana arganii turan.
Maqaan isaaniis:
Abbaa Aleef, Abbaa Aregawwii, AbbaaLiqaanoos, Abbaa Afkee, Abbaa Gariimaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Yim’aataa, Abbaa Phinxaalewoos, Abbaa Tsihimaa
Isaan kana hundumaafuu maqaa isaaniitiin gadaamiin ijaaramee jira.
Akkasumas maqaa isaaniitiin guyyaan ayyaanaa ni kabajama, hojii malees ni oolu.
Isaaniis wantoota kanniin godhanii turan:
Aksuumiin alatti wangeela lallabaniiru.
Gadaamummaa fi sirna gadaamummaa babal’isaniiru.
Macaafa Qulqulluu hiikuu( hiiksisuu) jalqabsiisaniiru.
Afaan Gi’iizii dubbachiiftuu akka qabaatu godhaniiru.
Waaqota tolfamoo balleessaniiru
Tokko ta’uu amala kiristoosii (non-chalcedonies christology) beeksisaniiru
Dabalataanis kitaabota 66 tti dabalanii kitaabota Awaaldi jedhaman hiiksisaniiru. Akkasuma qulqulluu Yaareed kan jedhamus dabalataan hojii guddaa hojjateera. Sagalee Gi’iiz, Iizil,fi Alaalay jedhaman qindeessee hamma arraatti waldaa keessati ittiin tajajilamaa jiru.
Bara dukkanaa (700-1200)
Bara kanatti sochiin hafuuraa hammana jedhamu hin turre. Akka biyya keenyaatti kana kan fidan keessaa
A. Yoodiit yookiin Gudiit (842-882 AD): isheen Israa’elirraa yoo taanu bara ishiitti miidhaan guddaan amanticharra, macaafotarra, gadaamotaa fi namoota amantii keessaa baratanirra ga’ee ture. Kunis amantaa ortodooksiittii qaawwa guddaa uumee ture.
B. Babal’achuu amantii Musliimaa: akkauma beekkamu amantichi jaarraa 7ffaa keessa babal’achaa tureera. Akka seenaan tokkoo tokko ibsutti bara bara 702 tti loltoonni Itiyoophiyaan Jiddaan gubanii turan. Kanarraan kaliifonni arabaa waan aaraniif oddoola naannoo galaana diimaa kan maaotummaan Aksumi itti fayyadamtu too’achuudhaan sochii daldalashee jalaa cufee ture. Kanaan wal qabatee mootummichis dadhabaa, akkasumas Yooditiifis karaa banaa dhufe. Kunis amantiin isaanii cimaa Kiristiyaanummaan dadhabaa akka dhufu taasiseera.
C. Mootummaa Zaguwee (1137 – 1270 AD): kun kan dhufe dadhabina sochii kiristiyaanaa naannoo aksumii irraa ka’ee gara naannoo biraattii babal’achuusaarraa dhufe. Walumatti mootota 12 tu mootummaa kana keessa ture. Isaan keessa beekkamoon: Mirihaane Kiristoos (1077-1177) fi Laalibalaa (11115-1197) dha. Teessoon mootummaa isaaniis Laastaatti jijjiirameera.
D. Mootummaa Solomoon (1270-1800 AD): Mootiin duraa Yukno Amlaak (12631278) ture. Kitaabni Kibre Negest jedhamu mootummaan kun fudhama akka inni qabaatuuf barreeffamee ture. Yeroo kana sochii gadaamummaa olaanaa ture. Wangeelli karaa Tekle Hayimaanotiitiin Oromoota Shawaatii fi naannoo Daamootii tti lallabamaa ture. Weerara Yooditiin kan diigaman waaldaaleen garagaraa haareffamanii jiru. Isaan keessaa mootiin beekkamaan Zara Yaa’iqoob ture. Barri sun
Golden Time of Geez jedhama ture. Kitaabilee Gedel jedhaman barreeffamaa tura. Ta’iiwwaan yeroo kanaa keessaa:
Ka’umsa Ahimad Giraanyi (jaarraa 16ffaa keessa): kunis amantiin musliimotaa akka babal’atuuf sababa guddaa ta’e.
Dhufaatii poorchugaal gara itoophiyaa: kunis loltoota Porchugaalii faana Jesuits warren jedhaman akka isaan dhufanii fi babal’achu kaatolikootaatiif sababa ta’e.
Babal’achuu Oromootaa: kunis jaarraa 16ffaa keessaa kan ta’e yoo ta’u oromoon lafa dheedaa barbaacha sochii isaan taasisanii dha. Ummanni Oromoo aadaa, amantaa fi siyaasa mataa isaanii qabu turan. Kunis amantii ortodooksii irratti dhiibbaa of danda’e geessisee ture.
Sochiilee Wangeela Itoophiyaatti Babal’isuuf Taasifaman Kanneen Biroo
I. Sochii Mishineroota Worra Wangeelaa: mishineriin jalqabaa Peter Heiling jedhama. Bara 1663 tii Gibxirraa ka’ee gara Gondar dhufee ture. Ogeessa fayyaa ture. Tiyooloojiis barateera. Wangeela Yohaannis gara afaan Amaaraatti hiikeera. Osoo Gibxitti deebi’aa jiruu loltoonni Turkii qabanii Gooftaa dhiisi jennaan didee, gammoojjii sahaaraa keessatti ajjeesan.
II. Sochii Mishineerootaa jaarraa 19ffaa keessatti: Namtich Jeemsi Biruus jedhamu seenaa Itoophiyaa kitaaba Volume 5 qabuun barreessee ture. Waa’ee abbaay, Gondar, haala waaqeffannaa, fi kkf barreesseera
III. Church missionary society: Bara 1799tti Ingilizitti hundaa’e, bara 1829 tti Addigraati ga’an. Waggaa shaniifis Gibxi turaniiru. Namoonni isaan ergan:
Saamu’eel Goobaat ( Addigraat ture)
Kiristaan Kugleer ( Gondara ga’eera)
Macaafa Qulqulluu guutumatti afaan amaaraatti geeddaramee ture. Kunis moloksee Abbaa Abraamiin deeggaramee ture. Mishineroonni kunniinis afaan kanatti fayyadamaa turan. Kugleer 1830 tti dhibeedhaan du’e. Goobaat 1836 tti biyyatti deebi’aniiru. Isaanitti aananii kan dhufan:
Izaanbergii
Kiraapfii
Tigraay kan ga’an bara 1837 tti yoo ta’u 1839 tti gara shawaa dhufaniiru. Kunis karaa bulchaa yeroo sanaa Saahile Sillaasee tiin ture. Isaanis dandeettii misiyoonummaa isaatti fayyadamuu barbaadu turan. Inni jalqabatti barumsa ammayyaa akka barsiisaniif ture kan inni waame. Dhumarrattis waan lama hubataniiru:
Ortodooksii jijjiiruun rakkisaa akka ta’e
Oromoonni yoo jijjiiraman namoota bay’eef sababa akka ta’an hubatee, gara biyyasaatti bara 1842 tti akkana jedhee xaalayaa barreesse “akkuma warri Jaarman biyya addunyaatiif sababa fayyinaa ta’an, Oromoonni sababa fayyinaa Afrikaadhaaf ni ta’u” jedhee xaalayaa biyyasaatti barreesse.
Deebii Xaalayaa kanaa:
Xaalayaa kanas Luwiis Harmeesitu dubbise. Innis hundeessaa waldaa Harmes Berg Mission jedhamuu ture. Innis bara 1849 tti mana barumsaa bane namoota barsiisaa ture. Sana booda bara 1854ttii nama 8 mana barumsichaarra, nama saddet waldaarraa gara Kraapfiitti doonii Kandazee jedhamtuun ergee ture. Dooniin tun garuu ni dhoorkamte.waarri kuun Afrikaa Kibbaa deman, waarri kaan du’an, waarri kaan immoo ga’aniiru. Deebii lammataa kan kennan Swedish Evangelical Mission kan jedhaman bara 1870tti ture. Isaanis gara Mitsiwwaa dhufaniiru. Warri kun sochii gurguddaa 5 yoo godhan kan fiixaan ba’an shanaffaarratti ture. Sochii kana hunda keessatti kan itti ulfaate Oromoota bira ga’uu ture. Sochii kanaafis daldala garbaa bitanii wangeela barsiisuudhaan jijjiiruu yaadan. Kanarratti namoonni bitaman Oneesmoos (oromoo), Filiphoos (oromoo),, Hayiluu (Amaara) fi Mihret (oromoo) turan.
Sochii jalqabaa keessatti karaa suudaniin yaalanii isaaniif hin taane ture.
Sochiin lammaffaa fi sadaffaan bara 1880-1886tti ture. Kunis fedhii naannoo Jimmaati Abbaan Jifaar barnootaaf qabutti fayyadamuuf ture, garuu erga eeyyamee booda Minilikiin ni dhoorkame.
Sochii afraffaa irratti 1893tti karaa Soomaaleetiin boorana bira ga’uuf yaalanii turan. Garuu gammoojjii kutuu waan dadhabaniif kaan du’anii, kaan dhibamanii tura. Mihret qofatu hin dhibamin furdoo waan taateef. Kunis waan itti ulfaateef hin milkoofne.
Sochii shanaffaatiin garuu milkaa’aniiru. Asirratti namoota naannoo fayyadamuu akka qabanis hubatanii, namoonni isaan fayyadaman: Qees Gebre Ewustaaxinoos: yeroo jalqabaatiin wallagga boojjii ga’ee achitti Boojjii Maariyaam hundeesse.
Daani’eel Dabalaa Abbaa Gabire Igzi’aabiher Kookeb Worqi
Onesmoos:
kan gurgurame bara 1870tti ture.
Isaan qarshii guddaadhaan isa bitan
1872tti Gooftaa fudhatee cuuphame.
1876tti barumsa tiyooloojii waggaa 5f barate.
Kakuu Haaraa guutuu 1886 tti hiikee 1893tti maxxanfame.
Gumaacha guddaa kan goote Asteer Gannoo turte.
Bara 1897tti Kakuu Moofaa hiikee 1899 tti maxxanfame.
bara 1904 tti Wallaga dhufee
naannoma sanattis du’e. kan gurgurame bara 1870tti ture.
Isaan qarshii guddaadhaan isa bitan
1872tti Gooftaa fudhatee cuuphame.
1876tti barumsa tiyooloojii waggaa 5f barate.
Kakuu Haaraa guutuu 1886 tti hiikee 1893tti maxxanfame.
Gumaacha guddaa kan goote Asteer Gannoo turte.
Bara 1897tti Kakuu Moofaa hiikee 1899 tti maxxanfame.
bara 1904 tti Wallaga dhufee
naannoma sanattis du’e.
Walumaagalatti seenaan dhufaatii waldaa Itoophiyaa kana fakkaata. Kanumarraa ka’uudhaan bara 1916tti Tokkummaan Waldoota Kiristiyaanaa hundeeffame. Akkasumas bifa amma jiru kana akka inni qabatuuf Waldaan Guutuu Wangeelaa dabalataanis Hiwoot Biraanii fi Gennet gumaacha ol’aanaa qabu. Isaanis waldaa Pheenxeqoosxee kanneen jedhamanii dha.
End!