Madda suuraa, TERRY O'NEILL/GETTY IMAGES
Ilma Mootii- Filiip Duuk Edenbiraah, kabaja guddaa kan argataniif ejjennoo gaariifi deeggarsa dhaabbataa Giiftittiif taasisaniidha.
Nama kamiifuu hojii ulfaataa ture. Nama humna warana galaanarraa keessa tajaajilaniifi bu'uura cimaa akka qabaatu taasise qofaatti dhiisaatii nama kamiifuu ni ulfaata.
Cimina nameenyaa akkasii kana ture akka inni gaheewwan isaa haalaan ba'atuuf isa gargaareefi onnee guutuudhaan ammoo akka haati warraa isaa hojii Giiftummaa ishee ba'attuuf deeggaru isa dandeesises.
Akka abbaa manummaa haadha manaa isaa mootii mootataatti, Ilmi mootii- Filiip aangoo seeraa homaa hin qabu. Garuu namni akka isaatti giiftiittiitti dhiyaatuuf barbaachisaa ta'e kamuu hin turre.
Ilmi mootii Giriik Filiip Waxabajji 10,1921 Island Cofu'tti dhalate. Waraqaan dhaloota isaa garuu Ebla 28, 1921 kan agarsiisu Giriik laakkoofsa Girigooriyaa waan itti hin fayyadamneef ture. Abbaan isaa, ilma mootii - Andiriiwu lammii Giriik, ilma lammaffaa Mootii Joorji Iffaa Helenootaati.
Haati isaa, Intala mootii- Aliis lammii Baatenberg, intala angafa ilma mootii- Liwuus lammii Baatenberg fi obboleettii Bulcha Mountbatten lammii Burma ti.
Erga warraaqsa "d'etat" bara 1922 tii, abban isaa mormitootaan Giriik keessaa ari'atame. Dooniin waraanaa Biritaaniyaa durbii isaatiin ergamee, Mootichi Joorji V, maatiin isaa gara Faransaayitti geeffaman. Daa'imichi Filiip siree mucaa burtukaanaa irraa hojjetameen imale.
Madda suuraa, Royal Collection
Inni mucaa isa quxusuu yoo ta'u obbolaa isaa keessaa mucaa dhiira qofa waan ta'eef qananii ture.
Ilmi mootichaa barnoota isaa kan jalqabe Faaransaayitt haa ta'uyyu malee, waggaa torbatti, gara maatii isaa Ingilaand deemee haga sadarkaa qophaa'inaatti 'Surrey'tti barate.
Yeroo kanatti haati isaa dhukkuba sammuun qabamtee da'oo keessa akka turtu waan taasifamteef, ilmi mootii kun qunnamtii xiqqoo ishee waliin qaba ture.
Bara 1933, ilmi mootiichaa gara kibba Jarmanitti kan argamu SchuleSchloss Salem, barnoota Kurt Hahniin gaggeefamutti ergame. Haata'u malee, ji'oota muraasa keessatti, Hahn, Yuhudii waan ta'eef sirna Naaziitiin ari'atame.
Ergama hojii keessatti eeramuu
Hahn Iskootilaand bakka mana barumsaa Gordnstoun hundeesse erga deemee, ilmi mootichaas barnoota marsaa lamaan booda achitti jijjiirame.
Qe'een Warra sirna Gordonstoun, xiyyeffannoo of danda'uu, haalli mijachuu umurii dargaggummaa, maatii isaa waliin gargar ba'uu, ofitti amanamummaa isaa miidhe.
Ilmi mootichaas hidhannoo waraanaan loltummaan hojjechuu murteesse. Inni humna waraana qilleensaa keessatti hojjechuu fedha, garuu maatiin haadhaa isaa hojii galaanarraa dalaganiin kaadhimamaa barnoota loltuu Kollejjii Biritania Royal Naval, Dartmouth ta'aniiru.
Bara Mootii Joorji VI, Yeroo ajjabii shamarran dhala mootichaa laman, Elizaabeet fi Margaretiif ta'ee hojjete kolleejjii seene.
Akka ragaan jedhutti Ilmi Mootii- Filiip marii cimaa taasisuu hin fedhu ture. Garuu walqunnamtichi shamarree waggaa -13 Intala Mootii- Elizaabeetiin baayyee hawwate.
Filiip atattamaan mullata haaraaf of qopheessee, daree isaa qabxii olaanaan darbee Amajji 1940 agarsiisa loltummaa Galaana Indiyaarratti taasifame yeroo jalqabaaf daawwate.
Madda suuraa, Getty Images
Filiip gara doonii waraanaa gootota HMS Mediteraaniyaa, bakka waraana 'Cape Matapan' bara 1941 ergama hojiif keessatti eerame deeme.
Akka itti gaafatamaa qondaala barbaachaa dooniitti halkan muteessaa sana keessatti ga'ee ol-aanaa xabate.
"Doonii biraan argadhe, innis garri gidduu isaa kan ifu ture, kunis battalumatti dhukaasa "15iin bade.
Onkoloolessa 1942tti akka leetenaantii dargaggeessaa tokkoo ta'uun Rooyaal Neevii keessa hojjeteera.
Kaadhimummaa
Yeroo kana hunda innii fi Intalli Mootii- Elizabeet xalayaa walii barreessu, qophii gara garaa irrattis afeeramee maatii moototaa waliin dabarsa ture.
Erga anni yeroo gara garatti deeddebiyaa tureen booda, ayyaana Qilleee bara 1943 tiin booda Elizabeet suura Filiip, isa gambaallee human waraana galaanaan ka,e minjaala kutaa itti uffannaa jijjiirrattuurratti maxxanfatte.
Hamattuuwwan tokko tokko jiraatanis, walitti dhufenyi isaanii yeroo nagaa cimee itti fufe. Warra hariiraa isaaii jibban keessaa tokko Filiip akka "dhaabbata hin qabnee fi amala dhabeessa" ta'etti ibussuun morman.
Haata'uyyu malee, ijoolleen kun jaalalaan qabamanii, ganna bara 1946, ttis mootichi intala isaa akka itti herumsiisuuf gaafatame.
Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee , kaadhimmachuun dura Ilmi Mootichaa lammumma fi maqaa maatii gaafatame. Lammummaa isaa Giriik irraa gara Biritaaniyaatti, maqaa haadha isaa gara maqaa Ingileffaa, Mountbatten ta'e.
Afeerraa jala-bultii cidhichaarratti Mootichi Joorji VI Filiippiin maatii moototaa isaatti make, barii isaa ammoo Duuk Edenbiraah, Bulchaa Merioneth fi Dura Taa'aa Greenwich godhee muude.
Cidhi sun kan raawwate Gadaamii Westminster Sadaasa 20 bara 1947 ture. Akka Winston Churchilltti, waraana Britainiin booda halluu cululuqaa kan ta'e ture.
Xumura hojii
Jarri lamaan yoo xiqqate akka abbaa manaa fi haadha manaatti jiraachuu kan jalqaban erga Ilmi Mootichaa gara hojii isaa humna waraana galaanaatti deebi'ee Maltaatti ramadamee ture.
Mucaan isaanii Ilmmi Mootii- Chaarles masaraa Bunckingham bara 1948, intalli isaanii Intalli Mootii- Anneen ammoo bara 1950 duraa duuban dhalatan.
Fulbaana 2,1950 hawwii qondaalli kamuu qabu ajaja mataa isaa , Qeloo MHS Magpie qabaate.
Haatu'u malee, hojiin humna waraana galaanaa xumurri isaa ga'aa dhufe. Haalli fayyaa Mootii Joorji yaadessaa ta'uu fi intalli isaa hojii mootichaatti caaluun Filiip gargaarsa abbaa manummaa akka taasisuf dirqame.
Madda suuraa, PA
Filiip hojii humna waraana galaanaa Adoolessa keessa bara 1951 gad lakkise. Kana boodaas hojii ofii murteessuu danda'utti hin deebine.
Filiip nama achii deemuusaatti gaabbe miti, booda garuu hojii humna waraana galaanaa itti fufuu dhabuu isaatiif dhiifama gaafate.
Akka iriyyoonni isaa dubbatatanitti, nama hojii isaatti dhimmuu fi gooftaa galaanaa ta'uu malutuu bakkaa kaafame jedhu.
Bara 1952tti daawwannaa walitti dhufeenya biyyootaa isa mootichi fi giiftittiin akka daawwataniif karoorfame abbaan manaa fi haati manaa warra mootii gaggeessan.
Yaada ammayaa
Ji'a Guraandhalaa utuu isaan loojii Keeniyaa tokko keessa xabachaa jiranii oduun gaddaa Mootichi du'e jettu isaan qaaqqabde. Dhukkuba onneen dadhabee boqate.
Haati manaa isaa yeroo kanatti Giiftii ta'uu ishee itti himuun dirqamni isarra bu'e. Booda iriyyaan isaa akka ibsetti, Ilmi Mootii-Filiip wanuma akka "walakkaan addunyaa" isatti galagalte irratti kufte ta'ee mullate.
Madda suuraa, Getty Images
Hojii isaa humna waraana galaanaa ni dhabe, jireenya ofiif waan haaraa uumuu, akkasumas Elizabeetiifi teessumni mootumma dabalamuu fi maal ta'uu akka qabu gaaffii guddaa itti uume.
Akka labsii mootummaatti, erga Giiftittiin guutummaan angeffamtee, Filiip aangoo seeraa tokkoyyu hin qabu. Duuk (Abbaan Lafaa) kun yaada fooyya'aa heedduu qabaatus dhiibbaa namoota yaada durii qabanii fi masaraa keessa jiraataniin abdii kutaa dhufe.
Walitti bu'insa hadhooftuu
Innis humna isaa gara sochii hawaasaatti jijiire. Iriyyoota dhiiraa waliin torbee torbeetti kutaa Restoraantii Soho ol, London jidduutti argamutti wal qunnama ture.
Afeerraa laaqanaa, mana shubbisa halkanii fi suura iriyyoota isaa waliin ka'uu dheeresse.
Bakki Filiip maatii isaa bira ta'ee taaytaa bilisaan itti fayadamuu fi injifannoo maqaan ijoollee isaa itti waamamuu ture dhabeera.
Murtoon Giiftitti kan maatii isaa isa maqaa "Mountbatten" caalatti maatichi maqaa "Windsor" jedhuun waamama jedhu hadhaa'aa ture.
"Namni maqaa isaa ijoollee isaaf kennuu hin dandeenye akkuma biyyaattiitti ana qofa," jedhee hiriyoota isaatti komate. "Ani ciniinnaa garaa malee wayyuu miti," jedhe.
Akka maatitti, Ilmi Mootii- Filiip nama hamaafi miira hin qabne ta'uu danda'a.
Akka bareessaa Charles Jonathan Dimbleby tti, yeroo dargaggummaa isaa barsiisa abbaan isaa uummataaf kenneen ni boo'a ture. Akkasumas walitti dhufeenyi abbaa isaa fi mucaa isaa isa angafaa gaarii hin ture.
Cimina amalaa
Ilmi Mootii- Chaarles akka mana barumsaa isaa isa durii, Gordonstoun, deemu Filiip isa dhidhiibe kunis sirnichi isa mucaan isaa hojii hiikaa jiru ni hambisa amantaa jedhuun ture.
Taatee kanaan mucaan isaa kunis mana barumsaa jibbe, kunis immoo mana warra isaa yaaduufi bakka barnootaatti barattoota humnaan buleyyiif xiyyeeffannaa ta'uu isaa irraa madde.
Daa'imummaan isaa rakkisaa akka ture, keessumattuu qophummaan guddachuu isaa ilaalchi Duuk (Abbaa Lafaa) sun ni mul'isa.
Innis umurii daa'imummaa irraa kaasee ofitti amanamummaa horachuuf dirqamee jira.
Madda suuraa, Getty Images
Kunimmoo namootni kannen biroo cimina amalaa inni qabu akka isaan hin qabne hubachuun isa rakkisaa ture.
Filiip umurii isaa guutuu hojii sirnichaa of kennuun jireenya isaa guyyaa gayyaan hojii addaa addaa keessatti hirmaateera.
Hamilee
Bara 1961 Indiyaa keessatti qeerramsa ajjesuun jeequmsa kaaseen, fedhii hojii falmuu mirga bineensotaa fi kunuunsa naannoo inni qabu murtee irra gesiisiseen.
Suura qeerransa maxxansanii agarsiisuun akka cimnatti ilaalamuun isaa dubbicha ittuu ammeesse.
Akkasumas dhiibbaa inni Fandii Bineensota Addunyaarratti godheen, gara Fandii Uumama Addunyaatti akka dhufu, fi Pirezidaantii jalqabaa ta'e.
Madda suuraa, PA
BBC waliin gaaffii fi deebii yoo taasisu, "Addunyaa kanarratti jireenya garaagaraa, walitti hidhinsa kan qaban akkasii qabaachuun keenya baayyee dinqiidha jedheen yaada," jedhe.
"Dhalli namaa utuu aangoo jiraachuu fi du'uu- yokiin darbuu fi dandamachuu qabaanne- dirqama gocha gaarii filanna. Waan tokko utuu hin qabaannee maal balleessita?"
Yeroo inni ajeechaa bineensaa balaleffatutti yoo namoonni callisan ni na'a.
"Akkuma qonnaan bulaa sanyii facaasee baroota dhufan bu'aa argachuuf kunuunsita malee hin balleessitu," jedha.
Fuuldurumatti
Deggersa kunuunsa bosonaa fi qurxummii galaana keesaattis taasiseen badhaasa heedduu argateera.
Ilmi Mootii-Filiip, akkasumas fedhii cimaa industrii irratti qabuun, warshaalee daawwachuudhaan hawaasa industriif deggersa kennan, kan amma Hundeessa Hojii jedhamee beekamutti makame.
Bara 1961 Filiip garee induustriitti fuulduratti yoo dubbatu " kabajamoo, yeroon kun yeroo quba isinitti qabudha," jedhe.
Madda suuraa, PA
Haalli akkasii kun kallatiin akka namoonni kabaja dhabeessa isaan jedhan taasiseenii jira. Inni keessattuu yeroo ala turetti dogoggora hubachuudhaan beekkamtii argateera.
Bara 1986, Giiftittii waliin yeroo biyya Chinaa daawwatan, waa'ee "slitty eyes" yaada dhuunfaa kenne gaazexaan baaseen China keessatti xiyyeeffannoo argatee ture.
Daawwannaa Awusteraaliyaa bara 2002tti "ammallee eeboo walitti darbattuu ?" jedhee lammii biyyichaa tokko gaafateenis akkasuma.
Yaaddoo
Yaadota isaa kanaaf qaamota muraasaan yeroo ceepha'amu, gareen biroon immoo of ta'ummaa isaa fi nama siyaasa qofa amanee of hin daangessine akka ta'etti isa ilaalan.
Kanumaan walqabatee, baayyeen namaa, isa "mudaa" jedhamu kana namootaaf haalli ifaa fi salphaa akka ta'uuf malee waa biraaf akka hin turretti ilaalan.
Jireenya isaa keessatti, Ilimi Mootii- Filiip fedhiin inni ispoortiif qabu ittuma fufe. Innis bishanirra dambali'uu, kirikeetii fi Pooloo taphachuu irra darbee farda gulufuutti cimaa kan turee fi waggoota baayyeef Pirezidaanti Federeshinii guluffi ture.
Madda suuraa, PA
Yeroo barreeffamni jonathan Dimbleby waa'ee Ilmi Mootii- Chaarles maxxanfame yaaddoon inni mucaa isaa isa angafaa waliin dur qabu sun itti deebi'e.
Duuk Edenbiraah akka Chaarles durbee Diyaanaa Ispeenser fuudhus isa dhidhiibeera jedhama.
Haata'u malee, Duuk kun yeroo gaa'elli ijoollee isaa fokkisaa dhufetti haala ulfaataa keessa ta'ees ni yaadda'a ture.
Maatii moototaa keessaa fuudhuun ulfaataa ta'uusaa yaadannoo isaarraa ka'uudhaan rakkicha hubachuudhaafis dursa fudhate.
Imala gara lafa amantaatti
Ilmi Mootii- Filiip ijoollee afur qabu keessaa diigamuu gaa'ela ijoollee isaa sadanii kan Intala Mootii- Annee, kan Ilma Mootii- Andirewuu fi kan Ilma Mootii- Chaarlesitti baayyee gaadde.
Haata'uyyuu malee, waa'ee dhimmi dhuunfaa isaa haasa'uuf yoomiyyuu hin eeyyamu ture. Bara 1994 ttis gazexeessitootatti kanaan duras dhimma dhuunfaakoo dubbadhee hin beeku ammas hin dubadhu jechuun itti hime.
Umuriin deemuun isaas sochii jireenya isaa duubatti hin harkisne. Imala isaa kan fandii waa'ee uumamaa fi dhimma daawwanna alaa Giftittii waliinii caalaatti itti fufe.
Madda suuraa, PA
Bara 1994tti Siidaa haadha isaa daawwachuuf gara Yerusaalemitti imale. Fedhiin haadha isaa achitti awwaalamuu tures fiixaan isheef ba'e.
Bara 1995tti yeroo sirna kabaja waggaa 50ffaa guyyaa VJ, isaaf yeroo inni miira keessa gale isa kan biroo ture.
Tookiyootti yeroo warri Jaappaan harka kennan Filiip gartuu haleeltota Biritain keessa ture, akkasumas yeroo kabajichaa, garee duula Baha Fagoo irraa deebi'anitti dabalamuudhaan Giiftittii ajjabuun ummata keessa dabarsan.
Miira deeggarsaa
Hidhamtoota Jaappaan duraanii warra dhiifamni godhamuuniif tasumaa hin yaadamneef inni garuu gadda isaa ibseef.
Du'a Diyaana, Intala Mootii Weels booda, jibba uummatni maatii moototaaf horate irraa ka'uun, waggoota boodaa jala gara-jabinni isaa xiqqoo tasgabbaa'e.
Bara 2007 xalayaan Ilmi Mootichaa fi Intalli Mootii waliif barreessaa turan maxxanfamee ture, kunis shakkii Filiip haadha manaa ilma isaaf gaarii hin turre jedhu sobsiisuuf ture.
Madda suuraa, Rex Features
'Dear pa Letters' jedhamuun warri beekaman, inni madda gargaarsaa guddaa kan Diyaanaa akka ture mul'isaniiru. Dhugaan kunis sochii jajjabinaa jala sararame ta'uun xalayaa isheen isaaf barreessite keessa ture.
Mohaammad Al Fayiid, abbaan hiriyaa Diyaanaa isa dhumaa, Doodii, ajjeefamuun Diyaanaa ajaja Ilma Mootii- Filiippin akka ta'e yaada isaa himee ture. Kana immoo qoraataan sababa du'a namootaa yeroo sanaa haalaan mormee ture.
Ilmi Mootii-Filiip, Duuk Edenbiraah, nama jabaataa fi of danda'aa ta'uun hawaasa Biritish gidduutti kan argame ture.
'Itti dhiyeenyi hin taane hin jiru'
Ilmi Mootii Filiip, Duuk edenbiraah, nama jabaafi walaba ta'eefi wiirtuu hawaasa Biriitish keessatti of argedha.
Inni gaggeessaa uumamaa kan ga'een isaa iddoo lammaffaa akka inni qabatu isa dirqamsiise ture, akkaataa taayitaa isaatti amala namaaf falmuu adeemsisuuf yeroo baayyee salphaa miti jedhee hin teenye.
"Waantan gaaridha jedhee yaade godheera," jechuun BBC tti hime ture.
"Haalan itti hojiikoo hojjedhu battalatti jijjiiruu hin danda'u, fedhii fi haalan itti wantootaaf deebii kennu jijjiiruu hin danda'u. Kunimmoo haaluma deemsa kooti.
Kun Muummichi Ministeeraa Deevid Kaameruun guyyaa kabaja dhaloota isaa waggaa 90ffaa Waxabajji 2011tti yeroo Filiip galateeffate kan dubbatamedha.
Madda suuraa, PA
Jireenya hawaasummaarraa soorama ba'uu
"Inni yeroo hundumaa nama wantoota hunda karaa mataasaa, hanga lafa qabatutti hojjetudha. Kunis namoota biyya Britain biratti fudhatama kan argatedha jedheen amana."
Filiip taayitaa isaatti fayyadamee oolmaa guddaa jireenya Biritaanotaaf ooluurratti kan milkaa'eefi sirni mootii ilaalcha uummataa yeroorraa yerootti jijjiiramaa ture waliin wal simee akka deemu gochuu keessatti ga'ee taphateera.
Galma ga'umsi isaa inni guddaan garuu walitti fufinsaa fi jabina gargarsa inni yeroo mootummaa isaa Giiftittiif godhe ture.
Akka barreessaa isaatti himetti, hojiin isaa, "Giiftittiin akka aangeffamtu mirkaneessuu" akka ta'etti amana ture.
Iddoo sirna kabaja yaadannoo guyyaa gaa'ela isaanirratti, seenaa warraa Biritaanotaa keessatti gaa'ela bara dheeraa kan jalqabaa ta'uusaatiif Giftittiin abbaa manaa isheetiif kabaja dhiyeessite.
"Inni nama akka laayyootti yaada fudhatu miti, garuu salphaadhumatti inni ciminaa fi turtii koo waggoota kana hundaa naaf ture. Kanaaf, ani fi, maatiin isaa hundi, biyyi kunii fi kanneen biroos kennaa qabeenyaa inni qabuu fi ni qabaata jennee yaadnu ol kennuufii qabnutuu nurraa eegama."
Madda suuraa, PA
Mirgi suuraawwan hundaa seeraan kan eegamedha.