Seenaa Itoophiyaa Durii Pdf (2023)

10/31/2019

Fifinee, Itoophiyaa E-mail: pheethiopia@gmail.org info@phe-ethiopia.org www.phe-ethiopia.org Galata Barreeffamni kun akka fiixaan bahu gargaarsa mallaqaa kan godhee Dhaaba Waa’ee Qilleensa Baramaa Irratti Hojjatu (SCIP) ennaa ta’u, Dhaabbannii Dhimma Ummataa, Fayyaa fi Naannoo Itoophiyaa Qindaawaa (PHE-Ethiopia Consortium) galata guddaa dhiyeessa.

(Video) Seenaa Ummata Kuush (Itoophiyaa) durii

Bilillee ykn Mahbuuba. Gabrummaa Gara Giiftummaa Ummata hedduu biratti keessattu ummata Oromoo biratti seenaa intala Oromoo tokko jaarra 19ffaa keessatti akka gabratti biyyaa Jaarmanii kan geefamteetu dubbatama. Seenan kunii namoota hedduu biratii dhageetii guddaa qabaatus, kanneen seenaan kun dhugaa ta’usaa kan shakkan baayye dha.

Nutiis gama keenyaan seenaa kana qulqulleessuf qorannoo taasifneetu jira. Barruu keenya kan har’aatis qorannoo waa’e intala Oromoo kana ilaalchisne wantoota hanga yoona hin baramne isiniif qindeessu yaalla. Ilma warra Mooti, Hermann Von Paklar Duraan dursinee seenaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna.

Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban.

Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha. Gabaa Gabroota Magaala Kaayiro bara (1812 – 1842) Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan.

(Video) SEENAA MINILIK- KUTAA 1FFAA || #sagaleekitaabaa

Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte.

Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata.

Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha. Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme.

Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture. Mahbuuba uffata loltuu dhiira yeemmu uffattu.

Seenaa Itoophiyaa Durii Pdf (1)

(Video) Seenaa ummata oromoo fi Hundeeffama Magaalaa Finfinnee

Bara 1837 A.L.A Yeroo jarri Awroopha seenan, turtii yeroo muraasa booda Magaala Budapest biyyaa Hangarii keessatti Mahbuuban cuuphamte turte. Achirra immo magaala Viyeena biyyaa Awustriyaa seenan.

Ilmii warra mooti Hermann Von Puckler kuni Mahbuubaan qondaalota ol’aanotin wajiin barsiisu yaale. Ilaalcha qondaalota kana waan sodaatef, “isheen intala Mooti biyya Absiniyaa dha guddifachuuf biyya kana fidee”, jechuu dhan ummata goyyoomse. Mahbuuban akka aada fi afaan biyyattii barattuu mana barnoota magaala Viyeena sanatti galche. Hawwii afaani waan qabduuf ji’oota muraasa keessatti afaan Itaalii barachuu fi dubbachuu dandeesse. Turtii muraasa booda biyyaa Awustriyaarra gara biyya Jarmanitti imalanii deeman. Biyya Awustriyaatti kabajaa dhaan haa jiraatan iyyuu, biyyaa Jarmaniitti garuu Hermann intala gurraacha jaalachuunsaa baayyee kan qeeqama ture.

Keessattu haada mana Hermann kan durii, Mahbuuba akka biyyaa Jarman hin seenne barbaada turte. Isheen masara mooti seenuun safuu biyyatti cabsuu dha akka ta’e ilaalama ture. Ilmi warra mooti kuni immo tasuma ilaalcha namoota fi qeeqni inni argataa ture jaalala inni Mahbuubaf qabu dabalaa dhufe malee hin hir’anne. Haati mana Hermann kan durii utuu qeeqtu jaalala isaani kanarratti hinaafte harka kennattee dhiifte. Bara 1840, Mahbuuban biyyaa Jarmanii erga seente booda nama Oromoo kan akka ishee harka gabrootan gurgurame tokkoon wal barte. Nama Oolshu Aaga kan jedhamuun erga wal baranii booda maqaan ishii kan warri ishii itti moggaafte Bilillee ta’u ishii Oolshuutti himatte.

Iddoo isheen iitti dhalattee ofbarte immo Gumaa(Jimmaa) jedhamti jettees himatte. Yeroo kanatti Oolshuun weedduulle garagaraa fi Seenaa tokko tokko Bililleerra barreesse galmeesse. Masara warra mooti Puckler.

Bililleen Masara kana keessatti Bara 1840 boqatte. Ji’a Hagayaa, baruma 1840 Bililleen dhukkuba sombaatin qabamtee turte.

Masara warra mooti Hermann keessatti doktorrii akka fayyaa ishii ilaalu qacarame ture. Yeroo sanattii Hermann dhimmi dhuunfaaf magaala Berliin deemus yeroo yeroo dhan odeefannoo waa’e Bilillee doktorichaarra argataa ture. Ta’us garuu tajaajila yaala utuu argataa jirtu Onkololeessa guyyaa 27, sa’aati 6 waare booda, Bililleen masara warra mootii Puckler keessatti boqatte adunyaa kanarra adeemte. Yeroo sanatti waggaa 16 turte.

(Video) Seenaa Ilmi Oromoo garba ta'ee gurguamee Hindi bulche Dhageeffadhaa👇

Iddoo Awwaalcha Bilillee. Biyyaa Jarman magaala Muska’uutti argama Bililleen lubbuu dhan dabartuus seenaan ishee hamma yoonatti onnee Oromoota hedduu keessatti hafe. Iddoo awwaalcha Bilillee magaala Muska’u biyyaa Jarmaniitti argama. Bakkee awaalcha ishii waggaa waggaan namoota dhaawwanna akkasumas seenaa ishii dubbisuuf muuziyaami taasifameera. Oromootni biyyaa Jarmanii jirtan seenaa Bilillee guutuma guututti muuziyaami Puckler kan jedhamu dhaawwachuu dandeessan.

Barruuwwan garagaraa akkasumas xalayoota bara sana barreefame hunda achitti dubbisuu dandeessan. Marsariiti ykn websayitii isaani seentanii ilaalu dandeessu.

Galatooma Seenaan kunii yoo isinitti tole ta’e akkuma barameetti gama Facebook, Whatsapp, Viber fi Twitter irrattii akka Share cuqaastanii waliif qoodhan abdii qabna!

Madda maqaa “Itoophiyaa” jedhuu: Biyya Itoophiyaa jedhantee waamamtu tana keessatti cunqursaa fi miidhaan cimaan Sabootaa fi sab-lammoota hedduurra gayee jira. Daafee hacuuccaa fi cunqursaa kanaan baay’een keenya maqichalle ni jibbina. Worri gariin ammoo maqaan ETHIOPIA jedhu kun durii kaasee macaaf /kitaaba qulqulluu keessa jira, kanaafuu biyyi ETHIOPIA jedhantu tun durii kaachee bifuma amma jirtu kanaan, boca amma qabdu qabattee woggoota kuma sadii ol jiraattee jirti jedhanii amanan.

Iteetuu malee jechi kun hiikni isaa ka durii maal akka ta’e nami beeku nama rukkicha. Jechi Itoophiyaa jedhu dhaloonni isaa jecha afaan Giriikii ti.

Nubia, ancient region in northeastern Africa, extending approximately from the Nile River valley (near the first cataract in Upper Egypt) eastward to the shores of the Red Sea, southward to about Khartoum (in what is now The Sudan), and westward to the Libyan Desert. The southern part of it to the southern end of the second cataract of the Nile was called Cush (Kush) under the 18th-dynasty pharaohs of ancient Egypt and called Ethiopia by the ancient Greeks. The northern part of the region, up to the first cataract of Aswān, was called Wawat. (Encyclopedia Britannica). Boodarra garuu dhuma jaarraa 19ffaa fi jaarraa 20ffaa keessa maqaan kun lafa Abyssinia bakka bu’ee biyyi maqaa kanaan beekkamtu uumamte. Biyyi amma Itoophiyaa jedhamu kun baldhinnaa fi daangaa amma qabu kana kan horate bara 1885n booda erga Minilik IIsabootaa fi sablammoota biraa humnaan weerareen duuba.

(Video) seenaa lola calanqoo tii fi magaalaa harar

Achiin dura garuu naannoon kaaba Itoophiyaa kan Eertiraa, Tigiree, Goondarii fi hamma amaara shawaa qabatee jiru Abyssinia jedhamee waamamaa ture. Bara 1940ndura biyyi Itoophiyaa jedhamtu hin jirtu turte. Lafti kun Ethiopia jedhamee kan waamame erga weerara xaaliyaan booda bara 1940 irraa kaasee labsiidhaan maqaan gara Ethiopiatti akka jirjiiramu taasifame. Bara weerara Xaaliyaan League of Nation keessattille maqaan galmootteen Abyssinia maqaa jedhu ture. However, other origin is claimed for the name by many modern writers, some of whom say that the Greeks borrowed the word from the Egyptians, and that as early as the Twelfth Dynasty the Egyptians knew the land under the name Kush, or Kshi.(ibid) Wolumaagalatti, uummanni Egypt fi kan Greek maqaa Itoophiyaa jedhamuun yaamaa kan ture uummata Kuush malee uummata Habashaa miti.

Kanaafuu jaarraa 19ffaa fi 20ffaa dura maqaa Itoophiyaa jedhamu kanaan kan waamamaa ture uummata Kuushii ti. Eebbaa fi abaarsalle taatu kan ilaallatu uummata kana. Uummanni Habashaa garuu kitaaba kiristaanaa keessatti waan gaarii marroo Itoophiyaa barreeffame kana arganii jennaan maqaa kana fudhachuu qabna jedhanii biyya tanalle akka maqaa ETHIOPIA jedhamtuun waamamtu taasisan.

Videos

1. Seenaa dinqisiisaa goota oromoo Garasuu dhukii
(OROTECH TUBE)
2. Seenaa gabaabaa lij Iyyaasuu ilma Oromoo Walloo kan nafxanyaan galaafate
(Sadam Usman)
3. Seenaa Hundeeffama Magaalaa Finfinnee Kutaa 3ffaa
(GIDDA TUBE)
4. Walaloo Gabaabaa: YAA DHUGAA MEE DUBBADHU!!!
(Ilmaan Mootummaa)
5. Dokmantarii Seenaa Abbichuu, Qeerransa Warra Jaarsoo, Ebla/Apr 15, 2018
(Fire Ring!)
6. Seenaa Abbaan nabi Muhammad (a a w) akkamiti du'aee
(Hamza sheikh jabir)
Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Msgr. Refugio Daniel

Last Updated: 06/06/2023

Views: 5493

Rating: 4.3 / 5 (54 voted)

Reviews: 85% of readers found this page helpful

Author information

Name: Msgr. Refugio Daniel

Birthday: 1999-09-15

Address: 8416 Beatty Center, Derekfort, VA 72092-0500

Phone: +6838967160603

Job: Mining Executive

Hobby: Woodworking, Knitting, Fishing, Coffee roasting, Kayaking, Horseback riding, Kite flying

Introduction: My name is Msgr. Refugio Daniel, I am a fine, precious, encouraging, calm, glamorous, vivacious, friendly person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.