Itoophiyaansadarkaa addunyaattis ta’u Afrikaatti walmorkiiwwan ispoortii hedduurratti nihirmaatti. Kanneen keessaa qabxii olaanaa galmeessisaa kan jirtu ispoortiiatileetiksiitiini. Kanaanis “Dirreen atileetonni Itoophiyaa irratti hinhirmaannedirree dorgommii hinfakkaatu” hanga jedhamutti ga’ameera.
Atileetota gootota sadarkaa biyyoolessaatti injifannoodachaa gonfachaa turaniifi beekaman duuba leenjistoonni gootonni seenaagootummaa hojjetan akka jiran dagatamuu hinqabu.
Goototaergama irraa eegamu bahatanii dhaloota birootti dabarsanii kabajamuun addunyaatanarraa darban keessaa abbaa ispoortii Itoophiyaa Obbo Yidnaqaachoo Tasammaafileenjisaa atileetota Itoophiyaafi Afrikaa, Obbo Nigusee Roobaa hojiin isaaniibu’uura ispoortii atileetiksii keenyaa waan ta’eef yoomiyyuu hindagataman.
Har’aammoo iddoosaanii bu’uudhaan dhaloota kanaaf seenaa hojjechaa kan jiran keessaatokko IrreessaaTolasaa Qottuuti yoojenne dhugaarraa waan fagaatu miti. Leenjisaa garee biyyaalessaa atileetiksiiItoophiyaafi atileeti garee biyyaalessaa durikun ergama irraa eegamu bahataa jira.
Turtiisaamana barumsichaatiin ispoortii atileetiksii hordofuudhaan fiigicha meetira 400,800fi kuma tokkoofi 500 mana barumsasaa bakka bu’uudhaan dorgommiirrattihirmaachuun meedaaliyaa argachuu jalqabe.
Bu’uurumakanaan wayita umriisaa 18 ga’u gara Raayyaa Ittisaa, Kutaa Mahaandisiijedhamutti makame. Ammaan tana ammo pirezidaantii waldaa leenjistoota bulchinsamagaalaa Finfinneefi hojii raawwachiiftuu koree federeeshinii atileetiksiimagaalattii ta’ee hojjetaa jira.
Akkasumasatileetota adda addaa leenjisaa jira. KutaanQophii Gaazexaa Bariisaas tapahawwan Afrikaa guutuu Morokoo, Raabaattiadeemsifamaa jiru sababeeffachuun leenjisaafi atileetii duraanii kana wajjindhimmoota gara garaarratti gaafdeebii taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseeraadubbisaa gaarii.
Bariisaa:Eenyurraa, yoom, eessatti dhalatte?
Leenjisaa Tolasaa:Kanin dhaladhe abbaa koo Obbo Qottuu Tirfeefi haadha koo Aadde Muluu ShabuurraaOnkoloolessa 28 bara 1943 akka moggaasa duriitti Shawaa Lixaa, Aanaa AlamGanaa, Ganda Gejjaa Dheeraa jedhamutti.
Bariisaa: Yeroo daa’immumaa kee akkamitidabarsite?
LeenjisaaTolasaa:Daa’imummaa koo akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu hoolotaafi jabbilee tikisuudhaaniindabarse. Dirree keessa asiifi achi fiiguudhaan hiriyoota koo wajjin taphadheera.Yeroo haati tiyya ollaatti na ergitus dafee fiiguudhaan ergaa qaqqabsiiseendeebi’a. Kanumarraa kan ka’een haati tiyyaa “Billaacha koo” jettee na waamaaturte.
Bariisaa: Akkamittigara Finfinnee dhufte?
Leenjisaa Tolasaa:Finfinnee kanan dhufe bara 1953 waggaa 10fa kiyyatti. Maatiin kiyya osoo hindhagahin dhokadhee badeen fira wajjin dhufe. Abbaankiyya na barbaacha iddoon ani jiru dhufus dideen Finfinneetti hafe.
Bariisaa:Barnoota eessatti baratte?
Leenjisaa Tolasaa:Mana Barumsaa Sadarkaa 1fa Manan duraanii kan ammaa Intarnaashinaal kominiitiiIskuul jedhamu kan naannawa qubata xayyaaraa duriitti argamuttin hordofe.
Bariisaa:Ispoortii atileetiksii akkamitti jalqabde?
Leenjisaa Tolasaa:Daa’immumaa kiyya kaasee fiigichan jaaladha. Mana barumsaa kiyyattis yeroohaara galfannaa hiriyoota koo wajjin kubbaa miilaan taphadha. Yeroon kutaashanaffaa baradhu Waxabajii 30, guyyaa ayyaanni maatii mana barumsaattikabajamu dorgommii atileetiksi meetira 400fi 800tin dorgomee tokkoffaa ba’uudhaanmo’adhe.
Akkasumasshaampiyoonaa manneen barnootaa guutuu biyyaa bara 1958 Istaadiyoomii Finfinneettiadeemsifametti mana barumsaa koo bakkabu’ee fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n mo’adhee meedaaliyaa warqiifi waancaaargadhe. Bu’uurri beekamtii kiyyaas dorgommii kana jechuun nan danda’a.
Bariisaa:Ati miseensa Raayyaa Ittisaafi atileeti beekamaa turte. Mee waa’eesaa nuttihimi?
Leenjisaa Tolasaa:Eeyyee. Ani miseensa raayyaa lafoo ta’uun kanan mindeeffame bara 1962 ture. Barumasana leenjii loltummaatiif kutaa Mahaandisii jedhamutti ramadame. Eddiinleenjii fixeeyyis kutuma kana keessattin hojii jalqabe. Raayyaa Ittisaa,kutaawwan barbaadametti yoo ramadamteyyu ispoortii hojjechuun dirqama. Anis daa’immuumaarraakaasee ispoortii waanan jaaladhuuf bakkan barbaade galuu kiyyatti gammadeenshaakala ciminaan ittifufe.
Yeroosana ispoortiin kutaalee Raayyaa Ittisaa adda addaa bakka Mootiin biyyaa, AtseeHayilasillaaseen argamanitti waggaa afuritti al tokko qophaa’aa ture. AnisKutaa kiyya bakka bu’uudhaan hiriyoota koo wajjin shaakala olaanaa gochuudhaanqophaa’en ture.
Haata’umalee ani dargaggeessa waan ta’eef leenjisaan keenya atileetota muuxannoo qabanfilachuudhaan akka dorgoman maqaasaanii ajajootaaf beekisise. Wayita shaakalliadeemsifamutti ajajoonni waan hordofaniif “Maalif isa hambiftan? gaaffiin jedhuka’e. Leenjisichis “Inni daa’ima, muuxannoos waan hinqabneef isa hambisnee warramuuxannoo qabaniifi buleeyyii hirirsinne’’ jennaan, ajajaan akkan filamu ta’eefiigicha meetira kuma tokkoofi 500n tokkoffaa ta’uun waancaafi meedaaliyaawarqii argamsiise.
Akkasumasfiigicha meetira kuma shaniin xinnumaaf durfamee lammaffaa ba’uun meedaaliyaameetii fudhachuu kiyyatti ajajoonni gammadanii turan. Wayita gara kutichaattideebinus badhaasawwan adda addaa badhaafameera.
Qabxiinshaampiyoonicharratti argadhe kanaan iji ajajaa waraana lafoo narra bute. Osoonhinturin gara kilaba Waraana Laffoo (“MidirXoor”) jedhamutti makamuudhaan atileetota beekamoo wajjin leenjii jalqabe.
Bariisaa:Garee atileetiksii biyyaalessaatti akkamitti makamu dandessee?
Leenjisaa Tolasaa:Akkuman jedhe yeroon waraana lafoof filatamu atileetota beekamoo wajjinidorgommaan ture. Fiigicha meetira kuma shaniin waanan mo’adhuuf leenjisaan gareebiyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Nigusee Roobaa waamicha naaf godhe. Bu’uurumakanaani kanan garichatti makame.
Bariisaa:Dorgommiiwwan biyya keessaatti shaampiyoonaawwan atileetiksii biyyoolessaa addaaddaarratti hirmaachuun kee beekamaadha. Qabxiin kee maal fakkaata ture?
Leenjisaa Tolasaa: Biyyaakeessatti bara 1962 irraa kaasee shaampiyoonaawwan manneen barnootaa Magaalaa Finfinneefiguutuu biyyaa, dorgommiiwwan kutaalee Raayyaa Ittisaa, shaampiyoonaawwanKilaboota Itoophiyaarratti akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin hirmaadheemo’adheera.
Akkasumasshaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaafi Addunyaa, Taphawwan Guutuu Afrikaa, dorgommiiqaxxaamura biyyoolessaafi taphawan Olompikiirratti hirmaaaadhee waancaafi meedaaliyaawwanadda addaa badhaafamera.
KeessumaaALA Adoolessa 28 bara 1981 dorgommii qaxxaamura biyyaa 9fa Ispeen, Maadiriidittiadeemsifametti atileetota beekamoo maqaa masoo, Galaana Magariisa (“The GreenFlood”) jedhamuun hanga ammaatti beekaman wajjin hirmaadhee Itoophiyaan dhuunfaadhaanlammaffaa, gareedhaan ammoo tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa warqiifi meetii akka argattu gochuun gahee narraa eegamu baheera.
OlompikiiMooskoo kan bara 1980 adeemsifametti fiigicha meetira kuma shaniin afraffaaba’us falmii gareedhaan taasisneen Itoophiyaanatileet Miruts Yifxariin meedaaliyaawwan lama akka argatu seenaa yoomiyyuuhindagatamne hiriyoota kiyya wajjin hojjedheera.
Bariisaa:Hiriyoonni kee kanneen yeroo sana addunyaarratti ciminaan beekaman hedduta’anis, Mirutsiifi Mahaammad Kadir wajjin baay’ee walitti siqxu jedhamaasababnisaa maali?
Leenjisaa Tolasaa: Dhugaadha.Aniifi Mahaamad Kadir, akkasumas Isheetuu Turaafi Yohaannis Mahaammad kilabatokko keessa turre. Machaal duri, kan wayita Ammaa Raayyaa Ittisaajedhamuudhaan beekamu keessa turre. Kaampii tokko keessa jiraachaa turre. Kilabaanisiddoo tokkotti leenjina. Kanaafuu yeroo tokkollee addaan hinbaanu.
MirutsYifxar atileetii kilaba Humna Qlleensaa waan ta’eef kilabaan adda adda jirra. Haata’umalee hundi keenya garee biyyaalessaatiif iddoo tokkotti shaakalla. Leenjisaankeenyas tokkuma. Dorgommii biyyoolessaatiif yeroo baay’ee nuti sadan hunda caalaa carraa hirmaannaa argataa turre.Miruts, Mahaammadiifi ani kutaa tokko keessa ciisna. Iccitii keenyas namni biroohinbeeku.
Akkasumassadan keenyayyuu fiigicha meetira kuma 10fikuma shanii waan fiignuf dorgommiirrattis wajjin hirmaanna.Wayita dorgommiikeessa gallus injifannoon sadan keenya harkaa akka hinbaanne gareedhaan hojjechuunwalgargaarra.
Fiigichameetira kuma 10tti Miruts Yifxar wayita marsaan lama xumuramuuf hafu akkaataanama dinqisiisuun dorgomtoota keessaa loyee bahuudhaan dursa. Mahaammad ykn aniisatti aannee lammaffaafi sadaffaa baana. Nus ta’u leenjisaan keenya gammachuuguddaadhaan dirree keessatti walhammanna.
Mirutshiriyaa biraa hinqabu. Anaafi Mahaammadi Kadiiri hiriyoonnisaa. Atileetonnimarti hiriyoota ta’uu keenya waan beekaniif nu jidduu hingalan. Miruts atileetiiguddaadha. Eenyu biratu kabaja guddaa waan qabuuf nus ni kabajna. Inis kanaafnutti siqa.
Bariisaa:Akkuma beekamu dorgommiiwwan biyyakeessaafi biyyoota adda addaarratti qooda fudhachuun kee ni beekama eessaeessatti hirmaatte mee?
Leenjisaa Tolasaa:Atileetummaadhaan bara 1962-1976n ture. Walumaagalatti waggoota 14f biyyakeessaafi biyyoota adda addaatti dorgomeera. Dimshaashumatti waancaawwan torba,meedaaliyaawwan warqii 12, meetii 10fi nahaasa 18 badhaafameera. Dorgommiiwwanguguddoo ani irratti hirmaadhe Olompikii Muniik, kan Jarmanitti ALA bara 1972fi bara 1980 Ruusiyaa, Mooskoottiadeemsifamerratti.
Shaampiyoonaaatileetiksi addunyaa kan bara 1973 Xaaliyaan, Roomitti adeemsifamerrattiAfrikaa bakka bu’ee meetira kuma shaniin hirmaachuudhaan 5fa ba’eera.
Shaampiyoonaawwanaddunyaa kanneen biyoota adda addaatti adeemsifaman irratti hirmaachuudhaanqabxii gaarii argadheera. Keessumaa dorgommii meetira kuma shanii kan Ingiliz,Magaalaa Geetisheeditti adeemsifametti atileetota addunyaarratti beekamanmo’achuudhaan waancaa warqiifi meedaaliyaa warqii akkasumas, badhaasawwan addaaddaa argachuu kiyyatti yoomiyyuu nan gammada.
Bariisaa:Yeroo dorgommii keessanii sana atileetonni beekamoon addunyaa eenyufaa turan?
Leenjisaa Tolasaa: Yeroosana ardii tanarratti atileetota akka sinbiraa bararantu ture. KeessumaaAfrikaarraa atileetota keenya kanneen akka Miruts Yifxar, Mahaammad Kadir,Yohaanis Mahaammad ,Isheetuu Turaafaan kanneen dinqisifamaniidha.
Akkasumas Awuroppaarraa lammiin Filaandi kan fiigee hindadhabneLaaseeveeree, Porchugaalirraa Kaarloos Lopeez, Awustiraaliyaarraa RobartiDikaasteelaa warreen maqaa olaanaa addunyaarratti qabaniidha. Atileetonni Keeniyaa,Jibuutiifi Morookoo yeroo sanas ciccimoo turan.
Bariisaa:Gara leenjisumaatti akkamitti galte? Eessafaatti barumsa leenjii atileetiksi fudhate?
Leenjisaa Tolasaa:Leenjii isa jalqabaa sadarkaa tokkoffaabiyya keessattin hordofe. Bara 1976 ammoo ji’oota jahaaf Gamtaa Ruusiyaa duriitti hordofee dippiloomaadhaaneebbifameera. Akkasumas Keeniyaa, Naayiroobiitti leenjii Waldaan Federeeshinii AtileetiksiAddunyaa (“IAAF”)n kenname hordofee dippiloomaa sadarkaa biyyoolessaattibeekamu fudhadheera.
Akkasumasbiyyoota Awuroopaafi Afrikaa adda addaatti koorsiiwwan heddurrattihirmaachuudhaan muxxannoon qabuun barsiiseera.
Bariisaa:Muuxannoo kanaan kilaboota biyyaafi garee biyyaalessaatiif eenyu fa’aa leenjiste?
Leenjisaa Tolasaa: Leenjisuukanan jalqabe bara 1977 kilaba Buna Itoophiyaati. Kilaba nahorate, Machaal (“WaraanaLafoo”) bara 1978-1982 leenjisuudhaan atileetota beekamoo horadheera. Akkasumasbara 1977-2000 garee atileetiksii biyyaalessaa leenjiseera.
Biyyaaalatti ammoo garee biyyaalessaa atileetiksi Baahireen leenjisuudhaan qabxiigaarii galmeessisaniiru. Yeroo baay’ee atileetonni biyyoota adda addaa dhuunfaadhaanwaan naan mari’ataniif muuxannoon qabuun gorseera.
Sadarkaakilabaatti Buna Itoophiyaatiifatileetota maqaa gaarii qaban kanneen akka Hajii Bulbulaafi Fissahaa Abbabaa, wayitanMachaal turetti Addis Abbabaafi Abrahaam Asaffaa, Mugariif ammoo GazaahaanyAbarraa, Tasfaayee Tolaa, Tasfaayee Jifaar, Qananiisaa Baqqalaa, TaarikuuBaqqalaa, Katamaa Nuguseefaa leenjiseera.
Gareebiyyaalessaa keessaa ammoo atileetota duri Fiixaa Baay’isaa, Hayilee Gabrasillaasee,Miliyoon Waldee, Asaffaa Mazgabuu, gootota Olmpikii, Daraartuu Tulluufi GeexeeWaamii, kanneen ammaa keessaa Qananiisaa Baqqalaa, Masarat Daffaar, IjigaayyooDibaabaafi Xirunash Dibaabaa, Silashii Sihin, Taarikuu Baqqalaafi MassalachMalkaamuu leenjiseera.
Bariisaa:Komishinii Ispoortii Oromiyaa siifi Obbo Yaamii Kabbadaatu hundeesse jedhamaadhugaadhaa?
Leenjisaa Tolasaa:Komishinii Ispoortii Oromiyaa sadarkaa biirootti anaafi Obbo Yaamii Kabbadaatuhundeesse. Yeroo sana ogeessoonni hinturre. Hojiinsaa cimaadha. Sababiinsaa hojjetaamuuxannoo qabu argachuuf rakkisaa waan tureefi.
Haata’umalee Obbo Yaamii Kabbadaa Komishinarii Komishinii Ispoortii Oromiyaa, aniammoo ittigaafatamaa qajeelcha leenjifi waldorgommii ta’uudhaan hojjechuujalqabne. Sana booddeedha ijoollee Oromoo warreen Komishinii IspoortiiItoophiyaa keessa hojjetaniif waamicha goonee biiricha humna namaatiin kancimsine.
Eddiihumni namaa fooyya’ee booddee federeeshinoota adda addaa gurmeessuudhaan abbaaitti goone. Gandaa kaasee hanga sadarkaa godinaatti biirolee gurmeessuudhaansochiin ispoortii Oromiyaa akkababaldhatu taasifame.
Kanumarraaka’uun sadarkaa Oromiyaatti bara 1986 yeroo jalqabaatiif godinaalee Oromiyaa 12jidduutti shaampiyoonaan Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti adeemsifame. Bu’uura yeroosana kaa’ameen osoo addaan hincitiin shaampiyoonichi hanga ammaatti waggaawaggaadhaan gaggeefamaa jira.
Bariisaa:Oromiyaan galaana atileetotaati jedhamaa sababiinsaa maali?
Leenjisaa Tolasaa:Oromiyaan galaana atileetootaati kan jedhamuuf sadarkaa biyyaalessaattishaampiyoonaawwan yeroo yeroodhaan gaggeeffamurratti atileetonni Oromiyaawaancaafi meedaaliyaawwan qophaa’an akkuma jirutti haxaa’anii waan fudhataniifi.Akkasumas Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaawwan biyyoolessaarrattihirmaachuuf kan filataman atileetotuma naannichaa burqaniidha.
Atileetonniammaan tana addunyaarratti maqaa olaanaa qaban hundisaanii jechuun nidanda’amaa kan argaman Oromiyaarraayi.
NaannoonOromiyaa kilaboota atileetiksii 20 magaalota adda addaatti hundeessuudhaan dargaggoonnidandeettii qaban akka hirmaatan taasisuusaatti naannolee biroorraa adda.
Bariisaa:Kilaboota heddu gurmeessuudhaan beekamta. Maqaasaanii nuu eertaa?
Leenjisaa Tolasaa:Akkuman dubbadhe kilaboota heddu gurmeesseera. Kilaba Buna Itoophiyaa, Mogor, kilabootamanneen Sirreessaa Oromiyaafi Poolisii Oromiyaafaa gurmeessuun atileetota addunyaarratti beekaman horadheera.
Bariisaa:Hojii olaanaa hojjetteeta. Oolmaa hojjeteef maal argatte?
Leenjisaa Tolasaa:Wayitan atileeti ture Mootummaan Hayilasillaasee sa’aatii warqii, MootummaanDargii qarshii, muudama dhibbaalaa hanga Irreessaa Kumaatti naa kenneera. MootummaanADWUI ammoo qarshii na badhaaseera.
AkkasumasMootummaan naannoo Oromiyaa, dhaabbileen ispoortiifi kilabonni adda addaa qarshiifiwaraqaa beekamtii gara garaa na badhaasaniiru.
Bariisaa:Ammaan tana gareen biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa diigameera, leenjistoonnisari’amaniiru, haalli akkanaa ispoortii atileetiksiirratti rakkina hinuumuu?
Leenjisaa Tolasaa:Bu’uurri ispoortii biyya kilaboota. Kilaboonni jiraannaan atileetonni jiru. Atileetonnijiraannaan ammoo gareen biyyaalessaafi leenjisaa cimaan jira jechuudha.
Bakkagareen biyyaalessaa hinjirretti atileetiis ta’u leenjisaan garee biyyaalessaahinjiraatu. Bakka gareen biyyaalessaa hinjirretti ammoo biyyattiin atileetotaafileenjisaa bakka bu’uun shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaatu hinqabdu jechuudha.
Akkumabeekamu ammaan tana gareen biyyaalessaa diigamuusaatti atileetonni wayitashaampiyoonaawwan biyyoolessaa adeemsifamuuf guyyoonni muraasni hafan walittiqabamuun shaakalu. Atileetonni bakka tokkotti shaakaluun sirriitti waan wal hinbarreefqabxiin argamu gadi bu’aadha.
Yeroobaay’ee leenjistoonni durii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa wajjin mariitaasisnus qaamni nu dhaggeeffatu hinjiru. Kanaafuu ispoortiin atileetiksiibalaa guddaa keessa jira. Federeeshinichi yoo ejjennoosaa geeddaruu baateshaampiyoonaa atileetiksii Addunyaafi tapha Olompikii bara 2012 nu eegaturraaqabxii eeguun rakkisaa ta’a.
Bariisaa:Turtiikee kana keessatti kan sigammachiiseefi sigaddisiise jiraa laata?
Leenjisaa Tolasaa:Umrii kiyya keessatti waan baay’eetu naqunname. Hundasaa dubbachuu hinbarbaadu.Haata’u malee kanin itti gammade shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa kan Ingiliz,Magaalaa Geetisheeditti adeemsifamerratti mo’achuudhaan meedaaliyaa warqiifiwaancaa fudhachuu kiyya.
Akkasumaswayita atileetoonni ani leenjisu shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafiOlompikiirratti riikardii fooyyessuudhaan mo’atan gammachuu guddaatu natti dhagahama.
Wanti nagaddisisu ammoo kilabni an hundeesse atileetota beekamoo addunyaa horate, Mogor diigamuusaati. Kilabni Mogor atileetota kanneen akka Gazaahany Abarraa, Tasfaayee Tolaa, gooticha dorgommii qaxxaamura biyyaa, Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Qananiisaa Baqqalaa, Taarikuu Baqqalaafi Ganzabee Dibaabaafaa horate diigamusaati.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011