Atileet Daraartuu Tulluu Eenyu? Atileetiin fiigicha dheeraa tiraakirraa,karaarraa fi maraatoonii Eenyu? (2023)

Atileetii fiigicha dheeraa tiraakirraa, karaarraa fi maraatooniti.kibba baha Oromiyaa Godina Arsii,Burqaa Atileetota Addunyaa kan taate, Boqojjiitti Bitootessa 21 bara 1972,kan dhalatte Daraartuun Yeroo ijoollumma ishiis lafa ol ka’aa godina Arsii naannawa Boqqojjii keessatti loon tiksaa guddatte.

Atileet Daraartuu Tulluu atileetii Afrikaa dubartii jalqabaa warqee injifatteedha. amma ammoo Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hoogganti.

Medaaliyaan warqee Olompiikii bara 1992 irratti nyaatteen seenaa moo’icha ishii kan ittiin jalqabde Daraartuun Bara 1993 fi 1994 miidhama jilbaa isheerra ga’een kan ka’e dorgommii addaan kuttee turte.Bara 1995 gara dorgommiitti deebi’udhaan, shampiyoonshiippii Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAF qopheesse irratti warqee ol fuutee dhungatteerti.

Bara 1992 Meetira 10,000 kan dorgomte Daraartuun Tokiyootti osoo hin milkaahiin haftee waggaa lama booda shaampiyoonaa Ispeen Barseloonaarratti warqii argatte.

Olompiikii Ispeen, Baarselonaa, bara 1992 adeemsifame irratti,Atileetii Afrikaa kibbaa Eleenaa Meyeritti aanseellee tilmaama guddaa argatanii kan turan atileetota biyya Ameerikaafi Ayeerlaand turan.

Haata'u malee, sadarkaa dandeettii ol'aanaa fi ofitti amanamummaa qabduun, akkasumas gorsaaf haamilee leenjistoota isheetiin, morkattootashee of duubatti gattee miliqxe.

Dubartoota Afrikaafis kaka'uumsaafi fakkeenyaa taate.
Ergasiisi dorgommiiwwan atileetiksii adda addaarratti injifannoowwan argatteen maqaa biyya ishee beeksisfteetti.

Atileetiksiin Itoophiyaa baroota ol ka'iinsaafi dadhabbiiwwan hedduu keessummeesse keessattis atileet Daraartuun qooda olaanaa qabdi.

Baay'ina meedaaliyaa fi waancaa manashee keessaa ilaaluun qofti, leenjiifi dafqa akkasumas kutannoofi cimina atileetiin tun keessa dabarteef ragaa dha.

Injifannoowwan dirree dorgommii atileetiksii irratti galmeessiste, oolmaa isheen biyyasheef oolte akkasumas waadaa uummatasheef seente hangam kabajaa akka turte agarsiisu.

Fiigichawwan meetira kuma sadii hanga maaraatoonii akkasumas fiigichi qaxxaamura biyyaa ishiin fiigde hundi jabinaa fi ofitti amanamummaa ishee mul'isu.

Hawwii bara ijoolummaa ishee – Barsiisummaa irraa hanga atileetiksii, itti aansees hojiin inveestimentii imala jireenyaa ishee keessatti iddoo guddaa qabatu – atileet Daraartuu Tulluu.

Bara 1996, Shampiyoonshiippii Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAF irratti kopheen ishii waan irraa baheef duubaa kaatee afraffaa taatee xumurte Daraartuun.bara 1997tti, Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa yeroo lammaffaaf yoo moo’attu, Shaampiyoonaa Addunyaa meetira 10,000 irratti garuu osoo hin hirmaatin hafte.

Daraartuun, bara 1998 fi 1999 mucaa waan deesseef dorgommii irraa fagaattee kan turte yoo ta’u, bara 2000tti dandeettii cimaadhaan gara dirree dorgomitti deebite.

Dorgommii meetira 10,000tin Olompiikii irratti warqee yeroo lammaffaaf kan nyaatte yoo ta’u kunis seenaa dorgommii kanaa keessatti dubartii jalqabaa ishii taasise.

Akkasumas, Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAFn qophaa’e yeroo sadaffaaf moo’atte. Bara 2001tti dorgommii tiraakii meetira 10,000 Edimentenitti kan moo’atte yoo ta’u, kun immoo warqee sadaffaa ishii kan Olompiikii fi kan Addunyaa ture.

Bara 2001tti,maraatoonii UK,London fi Tookiyoo moo’achudhaan dorgommii maraatoonii milkiidhaan jalqabde.

Akkasumas walakkaa maraatoonii Poorchugaal bara 2000 fi 2003tti, akkasumas walakkaa maraatoonii Liisban 2003tti moote. Bara 2005tti Shaampiyoonaa Addunyaa irratti sa’aatii saffisaa kan dhuunfaa ishii 2:23:30 galmeessudhaan 4ffaa baate. Bara 2009tti, umurii 37tti, Maraatoonii US Magaalaa Niwuu Yoork warra akka Paawulaa Raadkiliif, Liyudmiilaa Peetroova, fi Saalina Kosgee moo’achuudhaan warqee nyaatte.

Walumaa galatti, Daraartuun, medaaliyaa warqee kan Olompiikii fi kan Addunyaa 6 walitti hammaarachuu dandeesseerti.

Atileet Daraartuu Tulluu Eenyu? Atileetiin fiigicha dheeraa tiraakirraa,karaarraa fi maraatoonii Eenyu? (1)

Atileetiksii Itoophiyaa hooggansa Daraartuu jalatti

Looreet Koloneel Daraartuu Tulluu waggota muraasa pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa taate keessattis danqaaleen ishee mudatanis, kaka'uumsa horuu dabalatee jijjiiramoota fiddeetti.

Daraartuu dura pireezidantii federeshinichaa kan ture atileet Haayilee Gabra Sillaasee fedhaan erga aangoo gadhiisee booda gaafatamni bakkichaa salphaa akka hin turre dubbateera.

Atileet Daraartuun pireezidantii Federeeshinichaa ta'uun kan filatamte ALI Mudde bara 2013 ture.
Erga Daraartuun hooggnsatti dhuftee, Itoophiyaan dorgommiiwwan Shaampiyoonaa atileetiksii lama, Olompiikii tokkoofi dorgommii mana keessaa tokko irratti qooda fudhatteetti.

Shaampiyoonaa Kataar Doohaarratti kan hirmaatte Itoophiyaan Warqee lama, meetii shaniifi nahaasa tokko injifattee deebite.

Injifannoon argame hanga eegamu ta'uu baatus fageenya Itoophiyaan ittiin beekamtuun injifannoon argameera.
San booda hooggansa Daraartuun Itoophiyaan Olompiika Tookiyoo irratti hirmaatte.

Dorgommii kana irratti Itoophiyaan meedaaliyaa afur fidde. Kunis seenaa Olompiikii keessatti qabxiilee gad-aanoo galmaahan jedhaman keessaa isa tokko ta'eera.
Dhibdeen Koree Olompiikiifi Federeshinii Atileetiksii gidduutti dhalatee ture milkaahina dhabuu garee Itoophiyaaf sababa akka ta'e ibsamee, qaamoleen lameen uummata biyyattii dhiifama gaafataniiru.

Sana booda gareen Itoophiyaa dorgommii mana keessaaf gara Beelgireed imalee, injifannoo uummatni eeguun milkaahe.

Pireezidant Daraartuun atileetiksii Itoophiyaa daandii milkaahinaatti qajeelchaa jiraachuu isheefis ragaa ta'e.
Itoophiyaan Beelgireeditti warqee afur, meetii sadiifi nahaasa lama injifattee addunyaarraa tokkoffaa taatee deebite.

Shaampiyoonaa alana Ameerikaa Origoonitti gaggeefame irratti kaka'umsiifi miirri mo'annaa atileetotaa fooyya'uu isaaf qabxiileen argaman agarsiiftuudha.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa-Oriiganiitti dorgomameen Itoophiyaan meediyaaliyaa warqee 4,nahaasa 2 fi meetii afur walumaa galatti meedaaliyaawwan 10 walitti qabachuun Qopheessituu dorgommichaa Ameerikatti Aantee Addunyaarraa sadarkaa 2ffaa,Afrikaarraa immoo 1ffaan Xumurte.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa yeroo 18ffaaf USAtti gaggeeffame kanaan Atileet Latasanbat Gidaay daqiiqaa 30.09.94'tiin xumuruun medaaliyaa Warqee jalqabaa Itoophiyaaf argamsiifte.

Lattasanbat atileetota Keeniyaa ciccimoo Helen Obirii fi Margaareet Cheliimoo Kipkembo’iin of duubaan lamaffafi sadaffaatti hambistee galte.

Atileetotni akka Gudaf Tsaggaay, Latasanbat Giday, Salamoon Baareggaa fa'aa atileetota dorgommii fageenya adda addaa lama irratti akka dorgoman godhaman keessaati.

Gudaf fageenya lamaaniinuu meedaaliyaa warqee tokkoofi meetii tokko injifatte.

Atileeti Gudaaf Tsaggaayee Dorgommi meetira 5,000 daqiiqaa 14:46.29 xumurtee tokkoffaa bahuun Warqee,meetira 1500nis medaaliyaa meetii biyyaaf argamsiisteerti.

Shaampiyoonaa Origoon irratti Lammeechaa Girmaan 3000m gufachiisaa dhiiraan lammaffaa bahuun medaaliyaa shaampiyoonaa Dohaatti argate lammeeffateera.

Bara 2019’tti Lammeechaan fageenya atileetonni Keeniyaa ittiin beekaman kanaan medaaliyaa meetii argatee ture. Olompika Riyoo gubbaas meetii gonfate.

Atileet Taammiraat Tolaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa maaraatoonii dhiirotaan 32km irratti adda bahuun sa’aatii 2:05:36’n xumuruun riikardii cabsuun injifate.

Kana dura fageenyichaan shaampiyoonaarratti abbaa rikardii kan ture atileetii Keeniyaa Abeel Kiruuyiidha. Innis bara 2009’tti ture 2:06:54 kan galmeesse.

Taammiraatitti aanee atileetiin Itoophiyaa biraa Moosinnat Garramaw lammaffaa bahuun meetii argate.

Dorgommii fiigicha meetira 3000 gufachiisa dubartootaa Roobii halkan Kamisatti bari'u fiigameen atileetiin Itoophiyaa Warquhaa Geetaachoo lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii, Maqidas Abbabaa ammoo sadaffaa bahuun nahaasa argataniiru.

Bu'aa kanaaf immoo Koloneel Daraartuu Tulluu adda durummaan Eeramu.

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu, Atileetota dorgommii mana keessaa Beelgireeditti gaggeeffamerratti hiraamataniif sirna badhaasaa,Bitootessa 23, 2022 qophaa'erratti mootummaan fedeeraalaa fi Naannoon Tigraay nagaa akka buusan gaafatte.

Daraartuun atileetota Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaa 18ffaa irratti Itoophiyaan olaantummaan akka xumurtuuf ga'ee olaanaa gumaachaniif badhaasa qophaa'erratti waraanni akka dhaabbatu cimsitee gaafatte.

“Tigraay kaleessas, har'as, boris qaamuma Itoophiyaati. Adaraa keessan yaa hooggantoota keenyaa! Fayyadamtanii osoo hin taane miidhamaatii Itoophiyaa tokko godhaa!” jechuun dhaamsa dabarsite.

Komaandar Daraartuun dabaluun, ”Abbootii fi harmootiin Tigraay, abbootii fi harmootii keenya. Bor guyyaa biraa akka ta'u ammoo mirkana. Itoophiyaa araaramtee tokko taatee ni dhaabbatti,” jette.

Kanuma hordofee Mootummaan federaalaa Namoomaaf jecha Waraana dhaabuu labse.Humnoonni TPLF'illee Waraana dhaabanii Kunoo Yeroo Ammaa Mariin Araaraa gaggeeffamaa jira.

Atileet Daraartuun kana qofa hin raawwanne.

Atileet Daraartuu Tulluu Eenyu? Atileetiin fiigicha dheeraa tiraakirraa,karaarraa fi maraatoonii Eenyu? (2)

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ji'ootaaf adeemsifamaa ture keessattis, akkasumas siyaasa Oromo keessattis rakkoon jiru nagaafi mariin akka xumuramu dubbachuun mallattoo araaraa taatee mul'ataa turte.

Bara darbe Yeroo hayyoonni Oromoo Jechuun Obbo Jawaar Muhaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa,Hamzaa Booranaa fi namoonni galmee Jawaar jalatti himataman mana hidhaa keessatti lagannaa Nyaataa guyyaa 40 irra yeroo turanitti,Atileet Daraartuun Namoota akka Isaan lagannaa addaan kutaniif gahee Olaanaa taphatan keessaa hangafa irratti waamamti.

Yeroo ammaa Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan taate Daraartuun, ispoortiin alattis waltajjiiwwan garaagaraa irratti waan uummatashee fayyadu hojjechuuun, gaaffii fi yaada dantaa hawaasaa ta'e kaasuun beekamti.

Atileet Daraartuun Dorgommii shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Oriigaanitti Itoophiyaan Meedaaliyaa 10 sassaabachuun Addunyaa irraa Ameerikatti Aantee 2ffaa,Afrikaa irraa immoo 1ffaa itti taate irratti “Barri haaraa Itoophiyaa akkuma dhiyaachaa jiruun injifannoon kun kennaa bara haaraa gareen isaanii uummata biyyattiif kennu ta'uu ibsite.

Walqabsiisuunis walitti bu'iinsiifi rakkoon Itoophiyaa keessa jiru bara haaraa dhufaa jiru kanatti akka dhaabbatu hawwite.

”Bakka kanatti du'e, bakka kanatti namni qe’eerra buqqa’e, bakka sanatti namni beela’e isa jedhu Waaqni nuuf balleessee, bara dhufu kan waliin taanee biyya keenya gara fulduraatti deemsifnuufi kan tokko taanee waliin dhabbannu nuuf haa godhu,” jechuun hawwii ishee ibsiteetti.

Daraartuun,Waraana Yeroo Ammaa Oromiyaa keessatti Waraana bilisummaa Oromoo fi Mootummaa jiddutti gaggeeffamaa jiru,kan lammiilee Nagayaa galaafatee,kumaatama Qee'ee irraa buqqisee, jireenya Qotee bulaa Oromoo gaaga'aa jiru kunis akka dhaabbatee Waldhabdeen mariin furamuuf ni gaafatti jedhamee eeggama.

Akkaadaamiin HAYYUU Leenjii akkamii kenna?

ABOn Alaabaa Dhaabichaa Seeraan Ala Akka Hin Fayyadamne jechuun Jawaar Mohaammad himate

Ameerikaatti Tiwiitariin odeeffannoo fayyadamtootaa gurguruun doolaara miiliyoona 150 adabame

Popular Posts

Bara haaraa: Oromoofi Bara Haaraa Itoophiyaa

Itoophiyaan bara haaraa kabajachaa jirti. Garuu ammoo lammileen biyyattii hedduun

Gosoota Loogaalee Afaan Oromoo beekuun barbaachisu-Miidiyaa 3F

Afaan Oromoo afaan kush baha naannawaa gammoojii kan dubbattoota

Pireezidantiin Chaayinaa dhimma waraana Yukireen Putiin waliin mari'achuuf jette Raashiyaan

Gama birootiin Raashiyaan biyyoota 24 keessatti namoota siyaasaa irratti dhiibbaa

References

Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Ray Christiansen

Last Updated: 06/11/2023

Views: 5523

Rating: 4.9 / 5 (69 voted)

Reviews: 84% of readers found this page helpful

Author information

Name: Ray Christiansen

Birthday: 1998-05-04

Address: Apt. 814 34339 Sauer Islands, Hirtheville, GA 02446-8771

Phone: +337636892828

Job: Lead Hospitality Designer

Hobby: Urban exploration, Tai chi, Lockpicking, Fashion, Gunsmithing, Pottery, Geocaching

Introduction: My name is Ray Christiansen, I am a fair, good, cute, gentle, vast, glamorous, excited person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.